Saturday, August 12, 2017

Seenaa irraa yoo hinbaranne, Sheenaa irraa hinduroominnu

Posted by 



A. Jundi Irraa
Seenaa fii Sheenaan akkuma jechaa fii qubeen walitti dhiyaatan hikkaa fii gochaanille walitti hidhata qabu. Umaa keessatti wanni kaleessa dabre hunduu Seenaa ta’u. Seenaan dabru hunduu Sheenaa nuwajjiin jiraatu dhiisee dabra. Seenaa keessatti dogoggorri ilmi namaa dalagu hunddi sheenaa jireenya isaa guutuu isa wajjiin jiraatu hanbiseefi dabra. Kanaafi seenaa irraa baratanii sheenaan waxalamaa jiraachuu irraa ufi baraaruun osoo wanni hunduu seenaa hinta’in dura ta’uu qaba. 

Mee haalli gubbatti lafa kaayame kan seenaa Oromoon gabrummaa jalatti kufe wajjiin waliitti qabsiifinne haalaallu. Minilik qawwee warra dhiyaa irraa argateen Oromoo meeshaa ammayyaa hinqabnnetti duulee gabrummaa jalatti galiffate. Seenaan akka ibsutti mooyamuu Oromootiifi sababa guddaa kan ta’e qawwee Minilik osoo hinta’in waliifi dirmmachuu dhabuu oromoo akka ta’e fakkii loloota jajjaboo Anolee fii Calanqotti geggeeffame yaadachuun nidanda’ama. Arra akaakilleefi abaabileen keenya osoo lubbuun jiraatanii maal qaba osoo bara san waliifi dirmannee walii fi tumsinee jedhanii akka sheenaan gubatan mamiin hinjiru. 



Bara mootummaa hailasillases Oromoon Baalee sadarkaa oli’aanattii finqilee hanga motummaan xayyaaraan tumutti geggessa ture, oromoonni tuulamaas namoonni akka Agarii tulluu fii Taddasaa biruu fii akkasumma akka dhuunffattis ta’e murnaatti oromiyaa bakka adda addaatti ummanni keenya motummaa irratti fincilaa akka turan seenaan galmessee jira. milkaayuu dhabuu qabsoo saniifi arra namoonni sun hunduu osoo lubbuun jiraatanii maaliifi gamitaan duuluu dhabinne jedhanii sheenaan akka hubaman mamiin hinjiru. 


Bara Dargii ilmaan Oromoo qaqqaron hundi jaarmayoota siyaasaa bara sanaa kan akka Maison, Icat, Eprp, Emldh, Mlrd fii kan kana fakkaatan keessatti faffaca’anii beekkumsaa fii dandeetti isaanii akka alagaan itti dhimma bayaa ture Obbo Hayaile fidaa fii Tafar bantii fa’a akka fakkiittti tuquun seenaan galmeessee jira. Osoo arra obboleeyyan sun lubbuun jiraatanii tokko ta’anii moora tokko keessaa diina dura dhaabbachuu dhabuu isaaniitiifi sheenaa wajjiin akka jiraatan shakkiin hinjiru. 


Silaafuu wanni kaleessa dura ta’e hunduu seenaa jennee eega keenne barri wayyaaneelle amma seenaa ta’ee jira. Jaarmaynni TPLF eega ufi cimsee jabaate ufitti abdaten booda fuula gama biyya keenyaa yeroo deeffatu tokkummaa isaa jabeeffatee sabaa fii sablammoota biyya Ethiopia keessaallee humnna daranuu isa cimsu ijaarrataa finfinnee yeroo dhuunffatu Ormoon dhaabota shaniin isaan simate. Hangamillee manguddoon Oromoo hayyoonni oromoo artiistonni oromoo waldayaan hangafittichi akka Maccaa fii Tuulamaa kan manguddoonni akka Alamuu Qixxeessaa fa’a halikanii guyyaa tokko nuuf ta’aa ilmaan keenya diina dura dhaabbadhaa jedhanii kadhatanis ummata Oromoo fii manguddoo oromos hoongessuudhaan tokko ta’anii diina rukutuun hafee ufiifi qawwee walitti garagalichuudhaan lubbuu Oromoota hedduu galaafachuu isaaniillee arratti seenaa ta’ee galmaayee jira. Arra garuu hoogganoonni gadaa sanii kan lubbuun jiranis ta’ee dabran osoo gaafatamanii haala dabre sanirraa sheenaa namarraa hinbaane wajjiin akka jiraatan mamiin hinjiru. Dogoggorri seenaa yeroo tokko rawwatan sheenaa bara hunda nama wajjiin jiraatu uume dabra kan jedheefis kana. 


Mee bara ammaa kana ammoo bara fincila qeeroo jennee haalaallu. Filcilli qeerroo qabsoolee hanga ammaa sirnoota dabran hunda keessatti raawwatame irraa waan hedduu adda isa godhe keessaa inni guddaan tokko ummanni keenya seenaa irraa baratee bayaa dhiyatti kaabaa kibbatti da’ima, dardara, mangudoo, barataa, hojjataa, qotee bulaa, fii daldalaa osoo hinjedhin waliifi dirmachuun diina dura dhaabbachuu issaati. Ummanni keenya gabrummaa bara dheeraa kana jalaa ufi bilsoomisuufi tokkummaadhaan dhabbatee qabasaawe seenaa sheenaa hinqabnne galmeessaa jira. 


Gaafiin guddaan amma jiru carraa qeerroon oromoo lubbuu isaanii guyyaa guyyatti itti wareeguudhaan mootummaa wayyaanee burkutteessaa jirttu kana milkeessuufi dhaabonni siyasaa oromoo garaagarummaa isaanii dhiphisanii seenaa kaleessaa irraa baranii tokkummaa ummanni keenya, hayyoonni keenya, qeerroon abbaan qabsoo kanaa ta’e kadhachaa jiru kana dhagayanii seenaa sheenaa hinqabnne galmeessan moo? Akkuma seenaa dabree Oromoos salphisanii sheenaa bara baraan itti gubataa jiraatani keessatti ufi dhiisan. 


Arra yeroon ijjooleen kaleessa dhalatan harka qullaa diina dura dhaabbatanii lubbuu isaanii wareegan maqaa dhaabaa tarriffannee nuhunduu abbaa sochii kanaa ufi fakkeessufi wixxiffanna. Mee yaa Oromoo arra osoo motummaan tokko sochii kana irratti oromoo haasofisiisuu barbaanna jedhee eenyuun dubbisan jennaan laata? Moo lakki nuti bakka shanii jaha jirraa nuhundaa dubbisa jennaan? kanummalle gatii keessa galchinee walitti dhufinnee Agoobara yeroo tokkolle ummachuu dhabuun keenya dogoggorraa Seeanaa kaleessaa irraa homaa barachuu dhabuu keenyaa fi ragaa guddaadha. 


Akka dhaamsa qeeroo irraa hubannutti gaafiin isaan dhabonni siyaasaa Oromoo tokko ta’aa qaama sochii kanaas ta’aa akkasummas egeree ummata keessanii irrattis falaa fii mala dhayaa jedhu. Keessatti dhaamssi isaanii “yaa soqida ufiif jedhii mi’a yookaan dhagaa taatee darbamittaa” dhaamsa jedhu ufi keessa qaba. Kanaafi dhaabonni siyaasaa Oromoo ummanni keenya akka dursinuufi nu’eegee nudadhabinaan amma booda nuhordofaa waan jedhu fakkaataa, nihordofiinna moo tokkominne yoo xiqqaatte walcinaa yaanee ibda dhiiga ilmaan keenyaa qabsiiffamme kana irratti tumsa taanee Milkiin xumurree seenaa sheenaa hinqabnne galmeesin.



A. Jundi 

Monday, August 7, 2017

Girmaa Xurunaa ,Boombaa ykn Abdii Xurunaa


Akkuma beekamu ganna2 dura Girmaa Xurunaa ,Boombaa ykn Abdii Xurunaa namoota 33 Boolee Bulbulaa walgahii afooshaa jedhee waamee qabsiisuuun isaa ni yaadatamaa.afooshichas kan ijaare obboleessa isaa leencoo yoo tahu kan ajajemmoo Girmaadha yeroo sana girmaan hidhaa ture.achiis akkuma beekamuk ji'a8 dura Artiistota Seenaa
 #seenaa_Solomoon ,#Eliyaas_Kifiluu,#Oliyaad_Baqqalaa,#Gammachiis_Abarraa fi#Ifaa_Gammachuu akkasumas namoota 3 qabsiisee jira.
 Amma immoo maasterii isaa hojjechuuf university Haromayaatti deddeebi'aa jira. Achittis barattoota sabboontota Oromo walitti qabee ijaaraa jira.akkuma amaleeffate Wayyaaneetti gurguruuf kanaafuu barattoonni Oromo kan university Haromayaa keessa jirtan nama kanarraa of eeggadhaa namoonni isa waliin hiriyooman dhumnisaanii hidhaadha Qabsoo inni geggeessaa jiru sabboontota Oromo saba isaaniif quuqaman mana hidhaatti daarbuu,diinaaf gurguruu waan ta'eef ofirraa eeggadhaa. 



Arrabaanis dhugaa fakkaata dubbatee amansiisuuf dandeettii guddaa qaba haata'u malee hojiisaa kan darbe arrabasaa caalaa waan dubbatuuf please of eegaa irraa. Aamoonni obbolaan keessan Haromayaa keessaa barataa jiru kan qabdan please gorsaanii akka nama kana waliin hariiroo hin qabaanne

Sunday, August 6, 2017

Dhaamsa Baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa /Kenya/ jiraniif

Biyya ollaa biyya teenyaa taate biyya Keeniyaa(KENYA) keessa baqattoonni Oromoo hedduun akka jiru namuu ni beeka. Ummanni keenya roorroo mootummaa gabroomsaa Wayyaaneen irra geeyse dheefa lubbuu ifii du’a jalaa baraaruuf dur irraa kaasanii biyya tanatti baqataa jiran. 

Ummanni Oromoo kan biyyoota faranjii garaa-garaa keessa qubatanis harki irra caalaan erga keeniyaa dhufanii carraa biyya sadaffaa argatanii kan deemaniidha. Ummanni biyya Keeniyaa ummata nagayaa fi kan baqattoota fuula gaariin simataniidha. Haata’u malee namni Keeniyaa keessa taa’ee beeku kan gidiraa poolisiin biyyattii namarraan geeysu argee hin dhandhamin hin jiru. Beellama UNHCR ti deddeebi’uutiin hedduunis hiraaraman. Gaariihis “KUJJA KESHO” beellama adda hin cinne kana obsaan deddeebi’uun carraa argatanii achi tarkaanfatan.

Ummanni Oromoo harki caalaan biyya tana keessatti qubsumaan iddoo tokko jiraatu. Oromoon biyya tanattis akkuma nama biyya jiranitti jaalalaan walitti dhufuun wal gaafatu, kan rakkate wal bira dhaabbatu,kan dhukkubsate wal’aannachuun kan du’es awwaallachaa as gahan. Waa’ee biyya Keeniyaa kanuma keessa taa’eetu beekaa tana tanumaanin bira kuta.
Har’a waa maleef tana hin kaafne; Filannoon biyyooleessa Keeniyaa(Kenya) gaggeeffamuuf guyyaa qubaan lakkaawwamuutu hafe.

Guyyaa Hojjaa lamuu/Kiphixataa /Salaasaa/ 8/8/2017 tti kan gaggeeffamu yommuu ta’u, Yeroo filannoon biyyattii geeyse hunda ummata biyyattii caalaa kan sodaa keessa galu baqattoota biyya tana keessa jiraniidha. Kunis kan ta’eef poolisiin biyyattii tan baqattoota irraa waa buufachuu mi’eeffatte filannoo sababeeffachuun baqattoota waan hiraarsaniif jecha. Baqattoota xalayaa eenyummaa qabanii fi kan hin qabnes addaan hin baasanii mala uummatanii hidhuudhaan waa irraa carraaqqatu. Poolisiin biyyattii girgiriin isaaniif shirshiriidha. Tana waan namuu beeku.

Bara kana erga duulli na filadhaa eegale irraa kaasee baqattoonni sodaa keessa galanii jiran. Haata’u malee dilas hunda wanni nama sodaachisu waa hin jiru. Gariihis ifumaaf wal girgireeysa malee tan silaa nama sodaachisuu malte filannoo bara 2007 ture. Sanuu keessuma dabruun as gahan. Baqattoonni amma baqatanii biyya keeniyaa dhufan haala biyya tanaa waan hin beeyneef sodaachuu malu. Ta’us garuu namoonni isaan dura biyya tana turan haala jiru itti himuun jajjabeesuutu irraa eegama.

Xumuruun dura wannin baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa jiraniif dhaamu; akkuma duraanitti mataa walitti qabatuun, sochii xiqqeesuun, hanga filannoon kun dabrutti of-eeggannoo godhaa. Dhaamsi kiyyas kanumaa Rabbiin filannoo nagayaa godhee biyyaa fi ummata keenyas nagaya haa godhu!

GABRUMMAA GARA GIIFTUMMAA – SEENAA INTALA OROMOO BARA 1837


Bilille
Bilillee ykn Mahbuuba.

GABRUMMAA GARA GIIFTUMMAA

Ummata hedduu biratti keessattu ummata Oromoo biratti seenaa intala Oromoo tokko jaarra 19ffaa keessatti akka gabratti biyyaa Jaarmanii kan geefamteetu dubbatama. Seenan kunii namoota hedduu biratii dhageetii guddaa qabaatus, kanneen seenaan kun dhugaa ta’usaa kan shakkan baayye dha. Nutiis gama keenyaan seenaa kana qulqulleessuf qorannoo taasifneetu jira. Barruu keenya kan har’aatis qorannoo waa’e intala Oromoo kana ilaalchisne wantoota hanga yoona hin baramne isiniif qindeessu yaalla.
Mahbuuba
Ilma warra Mooti, Hermann Von Paklar
 Duraan dursinee seenaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha.
Gabroota
Gabaa Gabroota Magaala Kaayiro bara (1812 – 1842)
Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaafi namoota hedduu ta’u danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti. Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naanno isheen itti dhalattee sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geefamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geefaman keessa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii baddee beeku baatus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baayye dha.
Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitate booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaatef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.
Mahbuuba
Mahbuuba uffata loltuu dhiira yeemmu uffattu. Bara 1837 A.L.A
Yeroo jarri Awroopha seenan, turtii yeroo muraasa booda Magaala Budapest biyyaa Hangarii keessatti Mahbuuban cuuphamte turte. Achirra immo magaala Viyeena biyyaa Awustriyaa seenan. Ilmii warra mooti Hermann Von Puckler kuni Mahbuubaan qondaalota ol’aanotin wajiin barsiisu yaale. Ilaalcha qondaalota kana waan sodaatef, “isheen intala Mooti biyya Absiniyaa dha guddifachuuf biyya kana fidee”, jechuu dhan ummata goyyoomse. Mahbuuban akka aada fi afaan biyyattii barattuu mana barnoota magaala Viyeena sanatti galche. Hawwii afaani waan qabduuf ji’oota muraasa keessatti afaan Itaalii barachuu fi dubbachuu dandeesse.
Turtii muraasa booda biyyaa Awustriyaarra gara biyya Jarmanitti imalanii deeman. Biyya Awustriyaatti kabajaa dhaan haa jiraatan iyyuu, biyyaa Jarmaniitti garuu Hermann intala gurraacha jaalachuunsaa baayyee kan qeeqama ture. Keessattu haada mana Hermann kan durii, Mahbuuba akka biyyaa Jarman hin seenne barbaada turte. Isheen masara mooti seenuun safuu biyyatti cabsuu dha akka ta’e ilaalama ture. Ilmi warra mooti kuni immo tasuma ilaalcha namoota fi qeeqni inni argataa ture jaalala inni Mahbuubaf qabu dabalaa dhufe malee hin hir’anne. Haati mana Hermann kan durii utuu qeeqtu jaalala isaani kanarratti hinaafte harka kennattee dhiifte.
Bara 1840, Mahbuuban biyyaa Jarmanii erga seente booda nama Oromoo kan akka ishee harka gabrootan gurgurame tokkoon wal barte. Nama Oolshu Aaga kan jedhamuun erga wal baranii booda maqaan ishii kan warri ishii itti moggaafte Bilillee ta’u ishii Oolshuutti himatte. Iddoo isheen iitti dhalattee ofbarte immo Gumaa(Jimmaa) jedhamti jettees himatte. Yeroo kanatti Oolshuun weedduulle garagaraa fi Seenaa tokko tokko Bililleerra barreesse galmeesse. 
Mahbuba
Masara warra mooti Puckler. Bililleen Masara kana keessatti Bara 1840 boqatte.
Ji’a Hagayaa, baruma 1840 Bililleen dhukkuba sombaatin qabamtee turte. Masara warra mooti Hermann keessatti doktorrii akka fayyaa ishii ilaalu qacarame ture. Yeroo sanattii Hermann dhimmi dhuunfaaf magaala Berliin deemus yeroo yeroo dhan odeefannoo waa’e Bilillee doktorichaarra argataa ture. Ta’us garuu tajaajila yaala utuu argataa jirtu Onkololeessa guyyaa 27, sa’aati 6 waare booda, Bililleen masara warra mootii Puckler keessatti boqatte adunyaa kanarra adeemte. Yeroo sanatti waggaa 16 turte.
Mahbuuba
Iddoo Awwaalcha Bilillee. Biyyaa Jarman magaala Muska’uutti argama

Bililleen lubbuu dhan dabartuus seenaan ishee hamma yoonatti onnee Oromoota hedduu keessatti hafe. Iddoo awwaalcha Bilillee magaala Muska’u biyyaa Jarmaniitti argama. Bakkee awaalcha ishii waggaa waggaan namoota dhaawwanna akkasumas seenaa ishii dubbisuuf muuziyaami taasifameera. Oromootni biyyaa Jarmanii jirtan seenaa Bilillee guutuma guututti muuziyaami Puckler kan jedhamu dhaawwachuu dandeessan. Barruuwwan garagaraa akkasumas xalayoota bara sana barreefame hunda achitti dubbisuu dandeessan. Marsariiti ykn websayitii isaani http://www.pueckler-museum.de/seentanii ilaalu dandeessu.

AADAA FUUDHAAFI HEERUMA OROMOOTA ARSII SIKKOO MANDOO

12728913_1670932939826708_1785985676694982250_n
Arsii, Oromiyaa bara 1964 A.L.A

Akka raasee dhibee mataan kee
Akkii baasu dhibee abbaan kee
Osho moolle heerumnni hin oollee!
 
Jedha Oromootni Arsii (Baale fi Diida’a) yeroon cidhaaf gaggeessan. Nutiis waa malee mitii kan weeddu kana isiniif tarreesine. Hardha sirna aada fuudhaa fi heeruma Oromoota Arsii isniin wal barsiisa akka irra waa barattan abdii qabna!
Oromoon aadaasaa, eenyummasaa fi seenaasa akkaata itti ibsatuu hedduu qaba. Hundasaa isiniif tarreessuun hanga urjii lakkaa’uu ulfaatullee akka fakkeenyaatti, aadaa nyaataa, uffannaa, fuudhaafi heerumaa, ayyaaneeffannaa, Waraana duulchisuu, walgargaarsaa fi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Asumarrattii ammo aadan Oromtichaa hammam akka bal’atuu tilmaamun nama hin rakkisuu.
Aada Oromoo kanneen keessa, aadaan fuudhaa fi heerumaa ummata Oromoof iddoo guddaa qaba. Kan fuudhuu fi kan heerumuu haala seeraa fi heera naanno isaa waliin wal qabsiisani wal gaggeessu. Aada fuudhafi heerumaa Oromoon qabduu kanneen naqataan, kaan sabbatamarii dhaan, kaan butii dhaan, kaan hawweedhaan bultii ykn mana dhaabbata. Oromoota Arsii birattii kan filatamaa fi kan jaallatamee kabajamee, naqataan walfuuchuu ta’uusaati.
Akkaa aadaa Oromoottii, fuudhaa fi heeruma naqataatin kan raawwatu fedha intalaa fi gurbaa akkasumas fedha maatii isaanii irratti hunda’a. Dursa intala fuuchuuf osoo hin beellamiin, gurbaan intala inni jaalatee ykn ilaalate sanattii obboleetti ofii ergata. Yoo obboleetti hin qaabaanne ta’e, dubrii ergataa, ykn hiriyaa (kan fuudhaf safuu) ergata. Obboleettin gurbaa ammo intala san hamma guyyaa murtaa’e tokkotti, Gosa ishii, maatii ishii, haalaf amala ishii, namusa ishiin qabduu, fi akkaata hojii itti hojjettuu qorataafi. 
Akka aada Oromoota Arsiitti, intallii atii fuuchuuf deemtu intala gosa kee ala ta’u qaba. Kana jechuun ammo, akka fakeenyaatti gostii gurbaa yoo Walashee ta’e, inni gosa Walashee keessa gonkuma fuuchu hin danda’u. Nama gosa kee keessatti dhalate fuudhuf immo safuu cabsuu dha akka qaanyittii ilaalama. Oromoota biraa birattiisa aadan akkanas hin argama. Kunii akkaata Oromoon tokkummaa dhan wal keessa fuudha jiraacha jiru agarsiisa. Gosa intalaa, haala ishii, amalaa ishii fi haala maati ishii keessumattu kan haadha ishii erga qoratamee booda, gurbaan yoo jaalatee ta’e abbaasaa ykn warrasaatti himataa.
Warrii gurbaa kun manguddoota gosasaani fudhatanii gara wara intalaa imaluu. Warrii intalaa ammo yeroof waan hin qophoofneef guyyaa biraa beellamaniif. Hanga guyyaan beellama gahuutti, warrii intalaas manguddoota waamanii akkaata intalasaani ittii heerumsiisan mari’atan. Intalli isaanis namnii akka ishee kadhatuuf dhufee itti himan. Intalliis, guyyaa beellama gurbaa sana ilaaltee yoo jaalattee ta’ee itti heerumtti. Murtii maatii ishii caala, kan murtii intalaatu dursa akkaa aada Oromoota Arsittii.
Guyyaa beellama warrii gurbaa, fardaan gara intalaa imala. Gurbaan manguddoota gosasaa 8 fi manguddoota gosa intalaa 1 fudhatee deema. Waliigala manguddoota 9 keessa immo, 7 dhiira 2 dubra ta’u qaba. Kuniis walqittummaan fi demokraasiin Oromoon qabuu agarsiisa. Yeroo kanattii kennaa warra maatii intalaaf fiduun hin barbaachisuu. Tarii, warri maatii intalasaani kennuu diduu mala. Garuu warri gosa intalaa dhaangaa, marqaafi aannan itittuu, keessummaaf qopheesani eegu. Dhaanga kana kan qopheessu wara intalaa osoo hin taane, haadholee gosa intalaatu qopheessa. Kuniis kan agarsiisuu kabajaa gosootni Oromoo Arsii waliif qabu agarsiisa.
Manguddoota warra intalaafi warra gurba walii mari’atanii intallii yoo tolee jettee, naqataa isaan barbaadan hunda waliin dubbatuu. Erga waliigalan booda, guyyaa gaa’ila isaani beellaman. Hanga guyyaa beellama cidhasaani, gurbaan manasaa ijaarata. Obboleetti fi haati gurba mana mucaasaani faayaa garagaraa dhan midhaagfataniif. Gurbaanis hanga guyyaa cidhasaati naqata intalaaf maluu qopheessa. Kana jechuun ammo maatii warra gurbaa, kennaa barbaachisa ta’e intalaa fi maatii ishiitif qopheessani guyyaa beellama gaa’ila eegu.
Guyyaa beellama immo, warri gurbaa fardasaani faayani gurbasaani faarsaa gara intalaa imaluu. Adeemsii kunii hamoommata jedhama.
 
Hooo Haa Hayyooo
Dhufee maarre Dhufee maarree!!
Fuudhe maarree fudhee maarre!!
Abbaa mooheetu nageeggesse
Osoo boo’u galgaleessee
Boo’ee garaa na qabbaneesse
Warrii isaa na fudhatee
Fudhatee nan galatee
Jettee immimmaan dangalaaste
 
Warrii gurbaa haala kanaan mucaasaani hamoommata dhan faarsanii gara mana intalaa imalan. 
Yeroo mana italaa geessan ammo. Ilteedhinna jedhanii, manguddootni wal dhungatanii wal keessumeessan. Ammas utuu cidhnii hin calqabiin. Naqata warra maatii akka guutame ilaalani mirkaneessu. Warrii gurbaa, gogaa qeerrensaa abba intaalatif uffisaa, haadhaf immo goga bosonuu shixxo uwwisee itti uffisaa. Amma garuu aadan kunii badeera waan ta’efi ummatii bidilibsii fi gaabi wal uffisuu.
Erga heerri naqataa maatii intalaa guutamee booda. Warrii maatii dhangaa isaan qopheessan wal nyaachisanii, wal obaasani, dhaadi dhuganii kolfanii taphatuu. Cidha booda gurbaan intala fudhatee gara manasaa sirban gaggeessan. Warrii intalaa intalasaani faarsanii gaggeessu, warri gurbaas gurbasaani faarsanii manatti gaggeessu.
 
Enna kadhatuu badhaatu jedhaa
Harkan gayachuuf dhamaatu jedha
Ennaa kadhatuu fiixa caccabsaa
Harkan gayachuuf fiixa arrabsaa
 
Warrii intalaa haala kanaan sirbanii taphatanii intalasaani gaggeessan.
Yeroo qe’e gurbattii gahan immo, utuu ol hin seenin ammas haadholeetu eebbisee itti tufa! Ergasii osoo gurbaan qe’etti ol hin seeniin. Akka aada Oromoota Arsiitti, intalatuu dursee manatti ol seena. Yeroo kanattii intallii imimmaan buustee waan boottuf, hiriyoota ishii waliin ol seenti. Hiriyootni ishii jajjabeessani sirban ishii faarsanii olseensisuu.
Turtii muraasa booda, hiriyoota intalaa, gurbaaf mana gadii dhiisan. Gurbaan yeroo kanatti ol seene guyyaa galgalaa cidhasaani wajjiin turan. Halkan guutuu firaaf ollaan hunduu sirba taphatanii gammachuu dhan oolan.
Akka aadaa Oromoota Arsiitti, erga namnii lama wal fuudhe torbaan tokkoof maati fi firootan isaani waliin wal hin arganii. Kuniis kan ta’e kabajaa gurbaafi dha.
Haala fuudhaa fii Heeruma Oromoota Arsii (Baale fi Dida’a) haala kanaan isiniif qopheesine. Irra akka waa barattan abdii qabna!
HUB: Gosa OromooArsii yeroo jennu kutaa #Arsii qofa mitii; kutaa #Baalees dabalatee jechuu dha.

Friday, August 4, 2017

Jimaa/Caatii Dhiisuumoo Itti Fufuu ??

JIMAA/CAATII FI MIDHAA FAYYAA INNI GEESSISU/ ADVERSE HEALTH EFFECTS OF KHAT

Qorannoowwan jimaa irratti akka addunyaati godhaman wabii godhachuun barruun biyya Itiyoophiyaatti maxxanfamu "Family medicine & medical research" jedhamu mata duree 'Adverse health effects of khat' jedhuun bara 2015 A.L.A odeeffannoo qabatee baheen Jimaa ykn Caatii qama'uun miidhaa fayyaa gara garaa akka geessisu ibsa. Anis barruu kanaan alatis ragaalee qorannoo biroo wabii godhachuun miidhaa fayyaa Jimaa qama'uun geessisu isiniif dhiyeessa.
Jimaan maali?
Jimaan gosa biqiltuu ykn baala uummamaan yogguu alanfatan nama si'eessuu danda'uudha/stimulant/ . keemikaalota Gosa heduu fi viitaminii hamma xiqqoo of keessaa qaba. Keemikallonni sammuu si'eessuu fi rakkoo fayyaa geessissan kan Jimaa keessatti argaman gosa lama beekamoon-'cathinone' fi 'cathine' jedhamu.
Faayidaa qabaa?
Jimaa qama'uun bu'aa yeroo gabaabduu kanneen akka Miira gaarii/gammachuu, kaka'uumsa hojiif/si'a'innaf, dandeettii xiyyeeffannaa dabaluu,ofitti amantummaa dabaluu fi hasa'a gaarii taasisuuf akka fayyadu ni amanama. Baratooni hedduunis qo'annaa fi qormaataf jecha Jimaa sababa kanaaf fayyadamu. Faayidalee kunneen kan yeroo gabaabaa ta'uunii fi hirkattummaan jimaa irratti jiru.....akkasumas Jimaa miidhaa fayyaa kan fidu ta'uun garuu nama gaddisiisa.
*Jimaan rakkoo fayyaa sasalphaa fi battala Jimaa qama'an namarratti mulla'atu hanga rakkoo fayyaa ciccimoo turtii yeroo dheera booda dhufuu geessisu danda'a
* Rakkoowwan fayyaa jimaan geessisu kanneen ciccimoon suuta suutaan kan dhufan waan ta'eef jireenya keenya keessatti rakkoowwan fayyaa nu muddatu tokko tokko jimaadhaa walitti hidhata akka qabachuu danda'an osoo hin beekne hafna. Kana waan ta'eef namootni hedduun jimaan miidhaa homatuu akka hin qabaanne dubbachuuf yaalu.
=>Rakkoowwan fayyaa ciccimoo Jimaan geessisuu danda'u:
1.Rakkoo Sammuu
Battala qama'anitti jimaan rakkoo yeroo gabaabaa kan hawaasa birati fudhatama hin qabaanne kan akka haasa'a baay'isuu/over- talkativeness/ ,jarjaruu, namati dheekkamuu fi dallanuu geesisuu danda'a...kanaan alalatis hirriba dhabuu fi yoo jimaa dhaban muka'uu/depression/...fida. Mataa dhukkubii fi yeroo dheeraa booda ammoo hanga sadarkaa maraatuuti nama geessisu danda'a. keessumattu namoota dursanii rakkoo sammuu qaban itti hammeessa.
2.Dhibbaa Dhiigaa fi Dhukkuba onneef nama saaxila
Jimaan dhiibbaa dhiigaa ol kaasa, dhahannaa onnee dabala, dhikkisa onnee ni jeeqa .
Dhukkuba onnee tasaa-'Myocardial infarction,MI'-jedhamuuf nama saaxila. Qorannoo biyya yeeman hospitaala Al-Tawra jedhamutti bara 2015 A.L.A taasifameen namoota dhukkuba onnee tasaatiin hospitaalaa kana seenaan 120 keessaa namootni 95 (79%) Jimaa warra qama'an akka ta'an ragaan mulli'isa
3.Rakkoo Qaamota Sirna bulla'insa nyaata irraan gahu
-Tortoruu ilkaanii fi keessoon afaanii deddebi'ee mada'uu
- liqimsituun,garaachi fi mar'imaan madessuun ...Dhukkuba garaachaaf nama saaxila.
- Gogiinsa garaa fida--kun sababa keemikaala 'tannin' fi 'Cathine' jedhamu Jimaa keessati argamuun dhufa.
4.Fedhii nyaata nama dhabsiisa ;qaaman huqqachuus fida 
-Keemikaalli 'cathinone' Jimaa keessatti argamu wiirtuu sammuu fedhii nyaata too'atu hojii isaa jequun fedhii nyaata nu dhabsiisa. Miirri quufaa akka nutti dhaga'amu taasisa. 
-Jimaa heddu erga qama'an booda dhiiga keessatti hormooniin 'Leptin' jedhamu ni dabala. Hormooniin kun ammoo fedhii nyaata hir'isuu fi ulfaatinna qaamaas hir'isa.
5.Jimaa fi Dhukkuba sukkaaraa Gosa lammeessoo(type -2 Diabetes)
- jimaan hormooniin 'catecholimine' dhiiga keessatti argamu dabala ;kun ammoo hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu ol kaasa.
- Hormoonii hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too'atu 'insulin' hir'isa. Kanaaf dhukkubsatoonni sukkaaraa Jimaa qama'u taanaan dhukkubicha itti hammeessuu danda'a. Jimaan Dhukkuba sukkaaraa kallattiidhaan ni fida kan jedhu irratti garuu ragaa gahaan hin jiru.
6.Tiruu fi kalee ni miidhaa
-Keemikaalonni Jimaa keessatti argaman tiruu miidhun madeessuun(hepatitis) hanga sadarkaa cimaa 'cirrhosis' jedhamu irraan gaha. Kalees haaluma wal fakkatuun miidhaa irraan geessisa.
7.Jimaan Sirna wal-hormaataa ni miidha
- Gahuumsa wal qunnamti saalaa hir'isa/impotence/
-Oomisha Sanyii dhiiraa/sperm/ miidhuun rakkoo dhala dhabuu fiduu danda'a.
- Fedhii walqunnamtii saalaa keessumatuu dubartoota irratti ni dabala. Kun ammoo dargaggoota sagagalummaadhaf saaxila.
8.Kaansariidhaaf nama saaxila
Keemikaalonni Jimaan keessatti argaman hedduun miidha sadarkaa seeliiti geessisaniin kan ka'e keemikaalli 'Reactive oxygen species,ROS ' jedhamu dhiiga keessatti akka baay'atu taasisu. Kun ammoo kaansariidhaaf nama saaxila. Kaansariin Afanii,buqqee mataa fi mormaa ; namoota Jimaa qama'an irratti akka baay'atu qorannoon mull'isa.
9.Dubartiin ulfaa kan jimaa qamaatu yoo ta'e daa'ima hammi ulfaatinna isaa baay'ee xiqqoo dahuu dandeessi. Daa'imman akkasii lubbuudhaan turuuf waan rakkataniif du'uus dandeessi.
10.Namootni jimaa qama'an araada kanneen birootifis ni saaxilamu- Tamboo ykn shiishaa xuuxuu fi Alkoolii dhuguu fa'aaf.
**Rakkoo fayyaa armaan olitti tarreeffamaniin alati jimaaf maalaqni bahuu fi Jimaa qama'uuf yeroon gubatu .....Ooyruun xaafiif qamadiif ooluu qabu; jimaaf oole dinagdee dhunfaa....hanga biyyaati miidhaa hangamii akka geessisu yaaduun nama hin dhibu.
=>"Namni waan isa booji'e ykn isa moo'eef yeroo hundumaa garbicha ta'ee jiraata" - Araada adda addaaf garbicha hin ta'inaa!!!
Galatoomaa ! Fayyaa ta'aa!!!

By © Dr.Yona.

Wednesday, September 21, 2016

MAMMAAKSA OROMOO

Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du’a.
Garaacha dheedhii garaatti beeki.
Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu.
Haadha hinqabdu hakkoof boossi.
Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
Hiyyeessa boo’icha hingorsani hinnuu jalleesee naqa.
Sareen sarbaa hinqabdu mukarbaa hinyaabbattu.
Gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hinyaadatu.
Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru.
Fincaan lukkuu kan arge haa himuu.
Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe.
Arrumaa salaattee arrumaa maraatte.
Yaanni karaa hin dhaleessu.
Qilleensarratti mana hin ijaaran.
Dhugaan niqallatti malee hincittu.
Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin.
Eboo darbatanii jinfuu hinqabatan.
Akka cabanitti hin hokkolan.
Niturra malee niurra jette boonbiin.
Alaa manatti galan.
Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
Katuffatantu ardaa dhaala.
Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa.
Harreen fe’aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti.
Soogidda ofii jettu mi’aayi anaa jettu dhagaa tahi.
Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata.
Qeerrensa eegee hin qaban qaban gad hin dhiisan.
Muka biyya jiruun mana ijaaran.
Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan.
Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku.
Galle jette lafoon farda jala galtee.
Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru.
Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan.
Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee
ari’ee.
Iilkaan mutaan seene budaan seene.
Moluu tiyya boruufuu si’abdadhe” jedhe jaarsi aduun mataa
dhoofte.
Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani
Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti.
Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan.
Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf
baase.
Cabaan baqaqatti erkate.
Ija jirtu qorsa buusani.
Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti.
Ni ta’a jennaan harree qallee hin ta’u jennaan harree gannee
isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne.
Ollaa fi dugdaan ka’an.
Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte.
Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne
dhaqee
Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti
walkaksiifti
Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa.
Boriif boorri jira.
Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii.
Hamman siif ragaa bahe beektaa jennaan, hamman si tajjabee
beektaa itti jedhe jedhu.
Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhuma.
Sababa jette ballaan farda yaabdee.
Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare
namichii jedhama.
Yaawaaq siifan ka’a, achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette
jaartiin.
Niitiin afaan kaa’a barte, kabaluuf jennaan afaan bante.
Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba.
Qeesii mataa sabbataa amajaaja dabboo sanbataa jedhu.
“Haalleluyyaa yaa rabbi sooressa ajjeesi, nyaannee dhugnaa”
jedhee abbaaten taskaara yaade jedhu.
Aaki Jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin
qabne wayya.
Miila lama qabaataniif muka lama hin koran.
Qottoon maal nu godhe, kan nu miidhe muka keenya isa jallate
jedhe mukni jigan jedhan.
Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan.
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe.
Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan.
Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan.
Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii
jedhan.
Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan.
Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan.
Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan.
“Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa” jette
seexanni jedhan.
“Maqaan baduu mannaa, mataa baduu wayya” jette gondaan
ciniintee haftee.
Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde.
Firaan ni boonu malee firatti hin boonan.
Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree?
Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate
namni komata.
Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan.
Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama.
Argaa toleef goromsi hin ottoomu.
Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati.
Kan kunootii hin argine kuunnotii hin argu.
Kan harree hin qabne gaangee tuffata.
Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu
Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa.
Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo.
Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete.
Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi.
Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti.
Wallaalan bishaan keessatti dheebota!
Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu!
Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru!
Morki baduu mannaa mormi cituu woyya
Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen
Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan
Hirriibni hiryaa du’aati
Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa!
Afaan lafa taa’u lafee alalcha!
Horiin deegaa qilee irra dheeda
Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan
Bishaan malaan waaddan
Baraan barruu horan
Dhugaan hin qallatti malee hin cittu
Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin
Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan
Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne
Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi’aa kaasaa
Guddateef dubbii harretti hin fe’an
Qaallu salphattu nama du’utti waaman
Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan
kiyya
Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!
Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!
Namni farda koorse galgala kooraa baata!
Farda hidhatan machiin tolti!
Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi!
Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!
Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan!
Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
Olkaayaniif malee ol ka’aniif hin fuudhan.
Haati hattuun intala hin amantu.
Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti.
Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu.
Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.
Haadha laalii intala fuudhi.
Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli
Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu
Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa
Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse
Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan
Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde
Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute
Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti
Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti
Akka durii fi harka xuriitti hin hafan
Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa
gubattee
Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti
Sangaan bara qote hedata
Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi
Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba
Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti
Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu
Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu
Haadhaa fi adurree hin dhaanan
Warri guddaan aduurree wasaasaa baata
Adurreen keessi bineensa
Maraatuu keessi gamna.
Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate
Waan waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu
Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti
Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa
hafaa jedhe.
Manni of–jajjuu karaa dura.
Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama.
Kan of jaju hin dogoggoru.
Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti.
Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu.
Duulli amma oduu hin gahu.
Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa
re’eetiin.
Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re’eetin.
Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran.
Ollaa fi Waaqatti gadi bahu.
Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
Itti qabataaf cidhi ollaa jira.
Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha.
Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan!
Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan.
Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee
“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
Nama fardaan barbaadan lafoo argatu
Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami
Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti
Ijjii fi ijoolleen tika baddi
“Bagan si arge” jennaan “bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun
abbaa manaatiin
Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa.
Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura.
Fardaa fi harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi
dhaanu” jedhe qottiyyoon
“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
Goondaan wal qabatteet laga ceeti
Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
“Oduuf na qalani” jette lukkuun.
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha.
“Maali fardi ni maraatee?” jedhe waraabessi hari’ee dadhabee.
“Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha”
jedhe Jaldeessi.
Afaan gaariin afaa gaarii caala.
Hafaasaarra afaansaa
Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a.
Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu!
Bari fallana, takka namaa fodogaa, takka nama fondoga.
Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu.
Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu
Dhabaaf malee sombi kan sareeti
Qaroo dhabeessi “maal barbaadda” jennaan “ifa” jedhe
Re’een kan tokkoo raafuun kan tokkoo, kis jennee kiisii
dabalanne
Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi
Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi
Kan haadhatti barte amaatiitti
Arge jettee hin foksin, dhagahe jettee hin odeessiin
Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata
Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa
Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate
Sagal ka’uu irra sagal waamuu wayya
Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami
Ani badeen waan bade hin galchitu
Namatti himu malee, namatti hin hidhan
Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du’a
Okkoteen waaqa hin beekne, eelee bishaan kadhatti
“Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu
dadhabbaa” jette lukkuun
Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba
Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan
“Dhabaan hin galani” jette haati hattuu
Ameessi okolee dide okkotee hin didu
Dullachi waan garaa qabu alba’a
Iyyitee hin beektuu iyyinaan “Badaa, badaa” jette
Qalbii malee ijji hin argitu
Maqaan erbaniif haarawa hin taatu
Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti
Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise
Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti
Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti
Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu
“Numaaf haati hin bane” jedhe gowwaan haadha ajjeese
Osoo garaan addaan nama hin baasin, karaan addaan nama
baasa
Namni ilkaan miidhagu, hidhii walitti hin qabatu
Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada
Re’een baala agarte qeerransa hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu
Bara gaddaa mataa lafa godhu
Bara quufaa lukkuutu dhuufa
Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha
Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu
Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee
Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa
Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu
Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu
Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti
“Yaa anaa durii” jette cirrin fadrdarraa kuftee.
Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa.
Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani.
“Godaa mannaa godoo wayya” jette haftuun.
Tika didaan dhiyaana dida.
“Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin” jette sokoruun.
“Moo yaa afaan” jedhe funyaan.
Manni ija daha malee, gurra hindahu.
Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan.
Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.
Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani.
Cuunfaa baay’isuun dubbii gogsuudha.
Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde.
Irreen hin moyan, alagaan hin boonan.
Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira, eega dubbii
dadhabee
gamnummaa maaltu jiraa.
Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu.
Leemman bareeddeef marqaan hin mi’aawu.
Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran.
Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.
Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.
Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa.
Mucaan ” nyaanyaa” jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.
Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
“Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
Ari’ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi.
Baran barruu koran.
Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu
hubata.
Abjuun bara beelaa buddeen, buddeen jetti.
Tafkiin gaafa haxaawan, gowwaan gaafa gorsan itti abaasa.
Namni namaaf qoricha.
Marartoon du’a hin oolchu.
“Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko.
“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
“Ani hin hanbifannee, ati hin qalbifanne” jedhe namichi.
“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen
Ijaafii saree namarraa hin deebisan
Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi
Dhagaheef heerumtee, argeef deesse
Nama horii hin beekneef, lukkuun luka lamaa horiidha
Namni dhama’iif uumame abjuun dhagaa guura
Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu
Abshaalli ofii nyaatee, gowwaa afaan diba
Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti
Hin bari’u seetee manatti hagde
Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka
Kan abdatan irra kan argatantu caala
Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata
Jabbiin hootu hin mar’attu
Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu.
Kan citaa hinqabneef kan citu baasti.
Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu.
Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu
wayya.
Nuugiin tumanii nyaatan, humna baaterra hin jirtu.
Nagaroon qoree baala bakkanniisaa, harsaamessatti saadiru.
Maraattuun keessi fayyaadha.
Citaa malee mana hin kabatan.
Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta.
Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu.
Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani.
Qunnii buqqisaniit, abaabilleetti darbu.
Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan.
Tafkiin utaaltus laga hin ceetu.
Tokko namaatu nama dida, kan lammata abbaatu of dida.
Suuraan gaariin abbaa fakkaata.
“Takkuman kufee, suutan ka’a” jette jaartiin
Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii, jedhan.
Muka koruun nama hin dhibu, bu’utu nama dhiba.
Surree namaa ergisani irra hin taa’inii hin jedhani
Ibiddi garaa foon hin waadu.
Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti.
Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte.
Hiyyeessi har’aa quufeen bulaatti duutee bulti.
Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu.
Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti.
Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu.
Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe
jaldeessi.
Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.
Malaaf malli jira mucaaf harmi jira.
Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu.
Kan gabaan dhaga’e gowwaan galee niitii dhokse.
Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan.
Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan.
Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati.
Kan si tumetu na qoree.
Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu
hafa.
Warra afaan walii beekuu, harreetu balbala cufa.
Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi .
Yoo dheeraan tarkaanfii malu, gabaabaan hulluqaa malata.
Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu.
Saree adeemtuu dill’uu goromsaatu darba.
Mi’a wal fakkaatu walbiratti fannisu.
Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi.
Lubbuun abbaan gate lama hin bultu.
Harki tokko ni dhiqa malee,hin qulqulleessu.
Maal baasuuf dhama raasu.
Wacitii abbaan cabsee kaa’e, kan dhiqee kaa’e itti kakata.
Raafuu fixee rafuu dide.
Keessa keessa adurreen bineensa.
Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte.
Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu.
Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda.
Kan akka walii loon walitti yaafatti.
Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu.
Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban.
Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti.
Garaa laafinatti, alaltuun bishaaniin nyaatamte.
Roobiin garbaa baatee, fiixeensa arraabdi.
Salphoo soqolatte, soqolaa gargaaru
Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade.
Galaanni bakka bultii hin qabne, gudeelcha guuree deema.
Qarri qara hin muru.
Tafkiin lafatti walnyaatti, namarratti wal baatti.
Kan mana qabu mala hin dhabu.
Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu.
Bishaan darbe hin waraaban.
Daakaniif hin marqan, dharra’aniif hin argatan.
Madaan qubaa abbaa guba.
Sanyiin waan facaasan magarti.
Ofii nyaatan ormaa laatan.
Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti.
Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite
Waan qabaniin gabaa bahu.
Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan.
Na argaa na argaan na dhoksaa fida.
Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan.
Jaartii soba raftu, qaqawweessi hin dammaqsu.
Kan dulloome jaarsa, kan du’u dargaggeessa.
Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa.
“Yaa saree ciidhni akkami” jennaan “isa quufe hin kadhatu, isa
beela’e immoo ni dhowwatu” jette.
Duuni biyya wajjinii, hirriiba jette jaartiin.
Ifaan sooratan dukkana daakkatu.
Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte.
Jarjaraan re’ee hin horu.
Gowwaa al tokko arrabsi, innuu lammata of arrabsa.
Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi.
Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane.
Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti.
Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata.
Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti.
Lama na hin suufan jette jaartiin qallubbii hattee.
Humnaan nyaataniif,humna hin ta’u.
Muka jigetti qottootu baay’ata.
Arrabakoo yaa laxxisaa, situ faallee na hanqisa.
Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte.
Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin.
Irra turuun farda uruudha.
Takkaa diimanne jette nuugiin.
Namni namatti jennaan, erbeen saawwanitti jette.
Bakka arfaasaa dhaabbatan, birraa dhaabbatu.
Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti.
Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha.
Harkaan kennanii, miilaan barbaada deemu.
Barri ni darba, taajjabni ni tura.
Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa.
Kan qunnaan galata hin ta’iin daa’ullaan galata hin ta’u.
Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani.
Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti.
Caama ganamaa kan beekuutu ho’ifata.
Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi.
Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan.
Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee.
Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu.
Holqaa seenani dukkana hin sodaatan.
Hora bu’anii dhoqqeee hin lagatan
Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu.
Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti.
Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu.
Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa’a.
Ibidda rafe huubni achuu kajeela.
Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe
waraabessi.
Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama.
Re’een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti.
Waraabessa darbee sareen dutte.
Osoo hin hubatin hin dubbattin.
Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu
Roobuus caamus ijii misiraa lama.
Bakka oolan irraa bakka bulantu caala.
Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute
Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha.
Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani.
Kan garaan yaade miilii ganamfata.
Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu.
Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee.
Olkaa’an malee ol ka’anii hin fuudhani.
Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe.
Qunceen wal gargaartee arba hiiti.
Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan
dhugdi.
Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu.
Abbatu of mara jedhe boofni.
Abbaan mana jiraa gurri ala jira.
Adda nyaataniif hin gabbatani.
Ijji gamnaa dura boossi.
Tanaa warri rafnaan jette sareen.
Harree hin qabdu farda namaa tuffatti.
Jiruu fi soddaa hin tuffatani.
Ijji badduus bakki ijaa hin baddu
Harki hanna bare dooluuttuu socho’a.
Dubbii barbaada sareen gabaa baati.
Gorsa diddu du’a hin diddu.
Muka beekan qoricha hin se’ an.
Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan.
Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu.
Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani.
Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
Tiruun bulte lafee taati.
Cubbuu sodaachuun booruuf.
Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu.
Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha.
Deeganiif hin du’an.
Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate.
Duutiifi dullumni hin hafan.
Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani.
Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu.
Fiigee fiigee kormi sangaa ta’a.
Fooliin gaariin kannisa harkisa.
Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti.
Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni.
Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee.
Lagaatu walitti yaa’a malee garaan walittii hin yaa’u.
Gadheen niitii, dhiirsa hamatti.
Yoon ani du’e araddaan hin margin jette harreen.
Ofiifu duutii maaf of huuti.
Foontu fooniif rifata.
Naatu beekaan beekkumsa hin taatu.
Akka kufanii hin cabani.
Bittaa wallaalanii gabaa komatu.
Fardi badaan farda balleessa.
Harmaatu lama malee aannan tokkichuma.
Badiin saree gaafa duute.
Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu.
Akka beekan bulan
Lukuun abbaanis qabu, bineensis qabu iyya hin dhiistu
Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi
dhullaan qabde
Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana
him baatu
Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan
Namni Jireenya isaati fakkaata
Hamma fedhe guddatan, gosa ofii hindarban
Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of
xiqqeessuudha
Jaarsi du’aa adeemu si hin abaariin, bishaan gu’a gahe si hin
nyaatiin
Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette
Mana balbala malee hin seenan, utubaa bakka malee hin
dhaaban
Muka jalaa ol Koran malee, gubbaa gadi hin koran
Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma
Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen
Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan
Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu
Karaan sobaan darban, gala nama dhiba
Foon naaf kenneet, albee na dhorkate
Adurreen garaa muratte, leencaan qixa nama sodaachifti
Garaa murtii murate, bishaan raafuutu gabbisa
Garaan murtii hin qabne, diina abbaati
Namni namumaa, ija nyaadhu” jette allaattiin
Gara jabeessa heexoon hin albaasu
Qeerransa eegee hin qaban, qaban gadi hin dhisan
Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu
Mari’ataan gowwaa hin qabu
Maraatanii biyya hin bulchaan, mari’atanii malee
Maqaa ni bitan malee, hin gurguran
Maqaa hannaa, abbaatu ofirraa eega
Hirriibni baay’een duumessa hiyyummaati
Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette
Qoree dur dirteef hiyyessi okkola
Adaamiin olla agamsaa, imimmaan hin qoorfattu
“Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa?” jedhe
manguddoon oromoo
Dubbiin rabbi suuta
Namni kadhachuu hin dhiisu, rabbi waan murtee hin dihiisu
Bakka rabbi itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju
Manni waaqni ijaare hin jigu
Bagan kufe, bagaan ka’e, kan naqabuu fi kan na dhaabu
addaan baafadhe jedhe namtichi
Kan offii buletu nama bulcha
Dheebotan malee, mi’aa bishaani hin beekan
Gubattee hin agarree, abiddatti gamti
Boora’u malee hin taliilu
Oduun soora (nyaata) gurraati
Waan biyyaa bilbilli iyya
Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka
Namni mataa isaatii hin tolle, namaaf hin tolu
Bakka hin rafnetti hin muugan
Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu
Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha
Ejersa halaalaarra qobboo qe’ee wayya
Obsaan aannan goromsaa dhuga
Fira dura bahan malee, fafa duraa hin bahan
Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti
Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani
Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti
Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni
Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota
“Yoo waraabessarraa hafte keenya” jette sareen, harreedhan
Yaadni hamaan nama huqqisa
Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun
Kan leenci naasise hindaaqoo baqata
Afaan qabachuun hunda to’achu
Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti
Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa
Eelan eelee dhaabbatan
Afaan gaarin afaa gaari caala
Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti
Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii
Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a
Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti
Nyaataa fi lola abbaatu tolfata
Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti
Sossobbiin madaa hin foyyessu
Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu
Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu
Namaan garaan ga’atti garaan lafa nama ga’a
Dubbiin baay’atetti harretti hin fe’ani
Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu
Waaqni duumessaa’e roobuu hin oolu
Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti
Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu
Mana waraaabessaatti foon liqii hin dhaqan
Ariifataan hori gata
Hindaaqqoon haate haatee halbee ittin qalamtu baasti
Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu
Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata
Yoo baay’ate dammis ni hadhaawa
Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu
Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu
Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa
Tuulamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan
Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan
Ofii jettu mi’aa’i yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe
soogiddaan
“Iyyan malee hin dhalchanii?” Jedhe kormaan hoolaa korbessa
re’en
Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan
Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a
Yaa cubbuu “essa dhaqxa” jannaan “bakka itti na ergan” jatte
Sa’aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu
Bobbaa yoo tolan gala tolan
Du’arraan baqadhatti mana du’aa seente
Karkin ofii madaa’ullee, muranii hin darban
Mana oormaa bareedaarra, godoo ofii wayya
Hoolaan abbaa gaarii qabu, dubboo ala bulcha
Jibichi essatti eeganii jabbii kessa oola
Hagam ol fagaattus allaattii reeffi lafa
Bara humna qaban sagaliin lolu, bara humna hin qabne
sagalee tolu
Yoo rakkatan fala barbaadan
Bakakkaan akkanaanu natti gamu muka jala na geessite
Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa ta’a
Adala gowwoomsuun suuta suutan
Addaatef ilkaan alanfachuu hin dhiisu
Ablee qara lamaa beekaatu itti fayyadama
Bakkuma dhaqqabani kan hoqqatan
Bakka itti citanitti citaa haammatan