Monday, August 7, 2017

Girmaa Xurunaa ,Boombaa ykn Abdii Xurunaa


Akkuma beekamu ganna2 dura Girmaa Xurunaa ,Boombaa ykn Abdii Xurunaa namoota 33 Boolee Bulbulaa walgahii afooshaa jedhee waamee qabsiisuuun isaa ni yaadatamaa.afooshichas kan ijaare obboleessa isaa leencoo yoo tahu kan ajajemmoo Girmaadha yeroo sana girmaan hidhaa ture.achiis akkuma beekamuk ji'a8 dura Artiistota Seenaa
 #seenaa_Solomoon ,#Eliyaas_Kifiluu,#Oliyaad_Baqqalaa,#Gammachiis_Abarraa fi#Ifaa_Gammachuu akkasumas namoota 3 qabsiisee jira.
 Amma immoo maasterii isaa hojjechuuf university Haromayaatti deddeebi'aa jira. Achittis barattoota sabboontota Oromo walitti qabee ijaaraa jira.akkuma amaleeffate Wayyaaneetti gurguruuf kanaafuu barattoonni Oromo kan university Haromayaa keessa jirtan nama kanarraa of eeggadhaa namoonni isa waliin hiriyooman dhumnisaanii hidhaadha Qabsoo inni geggeessaa jiru sabboontota Oromo saba isaaniif quuqaman mana hidhaatti daarbuu,diinaaf gurguruu waan ta'eef ofirraa eeggadhaa. 



Arrabaanis dhugaa fakkaata dubbatee amansiisuuf dandeettii guddaa qaba haata'u malee hojiisaa kan darbe arrabasaa caalaa waan dubbatuuf please of eegaa irraa. Aamoonni obbolaan keessan Haromayaa keessaa barataa jiru kan qabdan please gorsaanii akka nama kana waliin hariiroo hin qabaanne

No comments:

Post a Comment