Friday, August 4, 2017

Jimaa/Caatii Dhiisuumoo Itti Fufuu ??

JIMAA/CAATII FI MIDHAA FAYYAA INNI GEESSISU/ ADVERSE HEALTH EFFECTS OF KHAT

Qorannoowwan jimaa irratti akka addunyaati godhaman wabii godhachuun barruun biyya Itiyoophiyaatti maxxanfamu "Family medicine & medical research" jedhamu mata duree 'Adverse health effects of khat' jedhuun bara 2015 A.L.A odeeffannoo qabatee baheen Jimaa ykn Caatii qama'uun miidhaa fayyaa gara garaa akka geessisu ibsa. Anis barruu kanaan alatis ragaalee qorannoo biroo wabii godhachuun miidhaa fayyaa Jimaa qama'uun geessisu isiniif dhiyeessa.
Jimaan maali?
Jimaan gosa biqiltuu ykn baala uummamaan yogguu alanfatan nama si'eessuu danda'uudha/stimulant/ . keemikaalota Gosa heduu fi viitaminii hamma xiqqoo of keessaa qaba. Keemikallonni sammuu si'eessuu fi rakkoo fayyaa geessissan kan Jimaa keessatti argaman gosa lama beekamoon-'cathinone' fi 'cathine' jedhamu.
Faayidaa qabaa?
Jimaa qama'uun bu'aa yeroo gabaabduu kanneen akka Miira gaarii/gammachuu, kaka'uumsa hojiif/si'a'innaf, dandeettii xiyyeeffannaa dabaluu,ofitti amantummaa dabaluu fi hasa'a gaarii taasisuuf akka fayyadu ni amanama. Baratooni hedduunis qo'annaa fi qormaataf jecha Jimaa sababa kanaaf fayyadamu. Faayidalee kunneen kan yeroo gabaabaa ta'uunii fi hirkattummaan jimaa irratti jiru.....akkasumas Jimaa miidhaa fayyaa kan fidu ta'uun garuu nama gaddisiisa.
*Jimaan rakkoo fayyaa sasalphaa fi battala Jimaa qama'an namarratti mulla'atu hanga rakkoo fayyaa ciccimoo turtii yeroo dheera booda dhufuu geessisu danda'a
* Rakkoowwan fayyaa jimaan geessisu kanneen ciccimoon suuta suutaan kan dhufan waan ta'eef jireenya keenya keessatti rakkoowwan fayyaa nu muddatu tokko tokko jimaadhaa walitti hidhata akka qabachuu danda'an osoo hin beekne hafna. Kana waan ta'eef namootni hedduun jimaan miidhaa homatuu akka hin qabaanne dubbachuuf yaalu.
=>Rakkoowwan fayyaa ciccimoo Jimaan geessisuu danda'u:
1.Rakkoo Sammuu
Battala qama'anitti jimaan rakkoo yeroo gabaabaa kan hawaasa birati fudhatama hin qabaanne kan akka haasa'a baay'isuu/over- talkativeness/ ,jarjaruu, namati dheekkamuu fi dallanuu geesisuu danda'a...kanaan alalatis hirriba dhabuu fi yoo jimaa dhaban muka'uu/depression/...fida. Mataa dhukkubii fi yeroo dheeraa booda ammoo hanga sadarkaa maraatuuti nama geessisu danda'a. keessumattu namoota dursanii rakkoo sammuu qaban itti hammeessa.
2.Dhibbaa Dhiigaa fi Dhukkuba onneef nama saaxila
Jimaan dhiibbaa dhiigaa ol kaasa, dhahannaa onnee dabala, dhikkisa onnee ni jeeqa .
Dhukkuba onnee tasaa-'Myocardial infarction,MI'-jedhamuuf nama saaxila. Qorannoo biyya yeeman hospitaala Al-Tawra jedhamutti bara 2015 A.L.A taasifameen namoota dhukkuba onnee tasaatiin hospitaalaa kana seenaan 120 keessaa namootni 95 (79%) Jimaa warra qama'an akka ta'an ragaan mulli'isa
3.Rakkoo Qaamota Sirna bulla'insa nyaata irraan gahu
-Tortoruu ilkaanii fi keessoon afaanii deddebi'ee mada'uu
- liqimsituun,garaachi fi mar'imaan madessuun ...Dhukkuba garaachaaf nama saaxila.
- Gogiinsa garaa fida--kun sababa keemikaala 'tannin' fi 'Cathine' jedhamu Jimaa keessati argamuun dhufa.
4.Fedhii nyaata nama dhabsiisa ;qaaman huqqachuus fida 
-Keemikaalli 'cathinone' Jimaa keessatti argamu wiirtuu sammuu fedhii nyaata too'atu hojii isaa jequun fedhii nyaata nu dhabsiisa. Miirri quufaa akka nutti dhaga'amu taasisa. 
-Jimaa heddu erga qama'an booda dhiiga keessatti hormooniin 'Leptin' jedhamu ni dabala. Hormooniin kun ammoo fedhii nyaata hir'isuu fi ulfaatinna qaamaas hir'isa.
5.Jimaa fi Dhukkuba sukkaaraa Gosa lammeessoo(type -2 Diabetes)
- jimaan hormooniin 'catecholimine' dhiiga keessatti argamu dabala ;kun ammoo hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu ol kaasa.
- Hormoonii hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too'atu 'insulin' hir'isa. Kanaaf dhukkubsatoonni sukkaaraa Jimaa qama'u taanaan dhukkubicha itti hammeessuu danda'a. Jimaan Dhukkuba sukkaaraa kallattiidhaan ni fida kan jedhu irratti garuu ragaa gahaan hin jiru.
6.Tiruu fi kalee ni miidhaa
-Keemikaalonni Jimaa keessatti argaman tiruu miidhun madeessuun(hepatitis) hanga sadarkaa cimaa 'cirrhosis' jedhamu irraan gaha. Kalees haaluma wal fakkatuun miidhaa irraan geessisa.
7.Jimaan Sirna wal-hormaataa ni miidha
- Gahuumsa wal qunnamti saalaa hir'isa/impotence/
-Oomisha Sanyii dhiiraa/sperm/ miidhuun rakkoo dhala dhabuu fiduu danda'a.
- Fedhii walqunnamtii saalaa keessumatuu dubartoota irratti ni dabala. Kun ammoo dargaggoota sagagalummaadhaf saaxila.
8.Kaansariidhaaf nama saaxila
Keemikaalonni Jimaan keessatti argaman hedduun miidha sadarkaa seeliiti geessisaniin kan ka'e keemikaalli 'Reactive oxygen species,ROS ' jedhamu dhiiga keessatti akka baay'atu taasisu. Kun ammoo kaansariidhaaf nama saaxila. Kaansariin Afanii,buqqee mataa fi mormaa ; namoota Jimaa qama'an irratti akka baay'atu qorannoon mull'isa.
9.Dubartiin ulfaa kan jimaa qamaatu yoo ta'e daa'ima hammi ulfaatinna isaa baay'ee xiqqoo dahuu dandeessi. Daa'imman akkasii lubbuudhaan turuuf waan rakkataniif du'uus dandeessi.
10.Namootni jimaa qama'an araada kanneen birootifis ni saaxilamu- Tamboo ykn shiishaa xuuxuu fi Alkoolii dhuguu fa'aaf.
**Rakkoo fayyaa armaan olitti tarreeffamaniin alati jimaaf maalaqni bahuu fi Jimaa qama'uuf yeroon gubatu .....Ooyruun xaafiif qamadiif ooluu qabu; jimaaf oole dinagdee dhunfaa....hanga biyyaati miidhaa hangamii akka geessisu yaaduun nama hin dhibu.
=>"Namni waan isa booji'e ykn isa moo'eef yeroo hundumaa garbicha ta'ee jiraata" - Araada adda addaaf garbicha hin ta'inaa!!!
Galatoomaa ! Fayyaa ta'aa!!!

By © Dr.Yona.

No comments:

Post a Comment