Posted by MADDA WALAABUU PRESS
A. Jundi Irraa
Seenaa fii Sheenaan akkuma jechaa fii qubeen walitti dhiyaatan hikkaa fii gochaanille walitti hidhata qabu. Umaa keessatti wanni kaleessa dabre hunduu Seenaa ta’u. Seenaan dabru hunduu Sheenaa nuwajjiin jiraatu dhiisee dabra. Seenaa keessatti dogoggorri ilmi namaa dalagu hunddi sheenaa jireenya isaa guutuu isa wajjiin jiraatu hanbiseefi dabra. Kanaafi seenaa irraa baratanii sheenaan waxalamaa jiraachuu irraa ufi baraaruun osoo wanni hunduu seenaa hinta’in dura ta’uu qaba.
Mee haalli gubbatti lafa kaayame kan seenaa Oromoon gabrummaa jalatti kufe wajjiin waliitti qabsiifinne haalaallu. Minilik qawwee warra dhiyaa irraa argateen Oromoo meeshaa ammayyaa hinqabnnetti duulee gabrummaa jalatti galiffate. Seenaan akka ibsutti mooyamuu Oromootiifi sababa guddaa kan ta’e qawwee Minilik osoo hinta’in waliifi dirmmachuu dhabuu oromoo akka ta’e fakkii loloota jajjaboo Anolee fii Calanqotti geggeeffame yaadachuun nidanda’ama. Arra akaakilleefi abaabileen keenya osoo lubbuun jiraatanii maal qaba osoo bara san waliifi dirmannee walii fi tumsinee jedhanii akka sheenaan gubatan mamiin hinjiru.
Bara mootummaa hailasillases Oromoon Baalee sadarkaa oli’aanattii finqilee hanga motummaan xayyaaraan tumutti geggessa ture, oromoonni tuulamaas namoonni akka Agarii tulluu fii Taddasaa biruu fii akkasumma akka dhuunffattis ta’e murnaatti oromiyaa bakka adda addaatti ummanni keenya motummaa irratti fincilaa akka turan seenaan galmessee jira. milkaayuu dhabuu qabsoo saniifi arra namoonni sun hunduu osoo lubbuun jiraatanii maaliifi gamitaan duuluu dhabinne jedhanii sheenaan akka hubaman mamiin hinjiru.
Bara Dargii ilmaan Oromoo qaqqaron hundi jaarmayoota siyaasaa bara sanaa kan akka Maison, Icat, Eprp, Emldh, Mlrd fii kan kana fakkaatan keessatti faffaca’anii beekkumsaa fii dandeetti isaanii akka alagaan itti dhimma bayaa ture Obbo Hayaile fidaa fii Tafar bantii fa’a akka fakkiittti tuquun seenaan galmeessee jira. Osoo arra obboleeyyan sun lubbuun jiraatanii tokko ta’anii moora tokko keessaa diina dura dhaabbachuu dhabuu isaaniitiifi sheenaa wajjiin akka jiraatan shakkiin hinjiru.
Silaafuu wanni kaleessa dura ta’e hunduu seenaa jennee eega keenne barri wayyaaneelle amma seenaa ta’ee jira. Jaarmaynni TPLF eega ufi cimsee jabaate ufitti abdaten booda fuula gama biyya keenyaa yeroo deeffatu tokkummaa isaa jabeeffatee sabaa fii sablammoota biyya Ethiopia keessaallee humnna daranuu isa cimsu ijaarrataa finfinnee yeroo dhuunffatu Ormoon dhaabota shaniin isaan simate. Hangamillee manguddoon Oromoo hayyoonni oromoo artiistonni oromoo waldayaan hangafittichi akka Maccaa fii Tuulamaa kan manguddoonni akka Alamuu Qixxeessaa fa’a halikanii guyyaa tokko nuuf ta’aa ilmaan keenya diina dura dhaabbadhaa jedhanii kadhatanis ummata Oromoo fii manguddoo oromos hoongessuudhaan tokko ta’anii diina rukutuun hafee ufiifi qawwee walitti garagalichuudhaan lubbuu Oromoota hedduu galaafachuu isaaniillee arratti seenaa ta’ee galmaayee jira. Arra garuu hoogganoonni gadaa sanii kan lubbuun jiranis ta’ee dabran osoo gaafatamanii haala dabre sanirraa sheenaa namarraa hinbaane wajjiin akka jiraatan mamiin hinjiru. Dogoggorri seenaa yeroo tokko rawwatan sheenaa bara hunda nama wajjiin jiraatu uume dabra kan jedheefis kana.
Mee bara ammaa kana ammoo bara fincila qeeroo jennee haalaallu. Filcilli qeerroo qabsoolee hanga ammaa sirnoota dabran hunda keessatti raawwatame irraa waan hedduu adda isa godhe keessaa inni guddaan tokko ummanni keenya seenaa irraa baratee bayaa dhiyatti kaabaa kibbatti da’ima, dardara, mangudoo, barataa, hojjataa, qotee bulaa, fii daldalaa osoo hinjedhin waliifi dirmachuun diina dura dhaabbachuu issaati. Ummanni keenya gabrummaa bara dheeraa kana jalaa ufi bilsoomisuufi tokkummaadhaan dhabbatee qabasaawe seenaa sheenaa hinqabnne galmeessaa jira.
Gaafiin guddaan amma jiru carraa qeerroon oromoo lubbuu isaanii guyyaa guyyatti itti wareeguudhaan mootummaa wayyaanee burkutteessaa jirttu kana milkeessuufi dhaabonni siyasaa oromoo garaagarummaa isaanii dhiphisanii seenaa kaleessaa irraa baranii tokkummaa ummanni keenya, hayyoonni keenya, qeerroon abbaan qabsoo kanaa ta’e kadhachaa jiru kana dhagayanii seenaa sheenaa hinqabnne galmeessan moo? Akkuma seenaa dabree Oromoos salphisanii sheenaa bara baraan itti gubataa jiraatani keessatti ufi dhiisan.
Arra yeroon ijjooleen kaleessa dhalatan harka qullaa diina dura dhaabbatanii lubbuu isaanii wareegan maqaa dhaabaa tarriffannee nuhunduu abbaa sochii kanaa ufi fakkeessufi wixxiffanna. Mee yaa Oromoo arra osoo motummaan tokko sochii kana irratti oromoo haasofisiisuu barbaanna jedhee eenyuun dubbisan jennaan laata? Moo lakki nuti bakka shanii jaha jirraa nuhundaa dubbisa jennaan? kanummalle gatii keessa galchinee walitti dhufinnee Agoobara yeroo tokkolle ummachuu dhabuun keenya dogoggorraa Seeanaa kaleessaa irraa homaa barachuu dhabuu keenyaa fi ragaa guddaadha.
Akka dhaamsa qeeroo irraa hubannutti gaafiin isaan dhabonni siyaasaa Oromoo tokko ta’aa qaama sochii kanaas ta’aa akkasummas egeree ummata keessanii irrattis falaa fii mala dhayaa jedhu. Keessatti dhaamssi isaanii “yaa soqida ufiif jedhii mi’a yookaan dhagaa taatee darbamittaa” dhaamsa jedhu ufi keessa qaba. Kanaafi dhaabonni siyaasaa Oromoo ummanni keenya akka dursinuufi nu’eegee nudadhabinaan amma booda nuhordofaa waan jedhu fakkaataa, nihordofiinna moo tokkominne yoo xiqqaatte walcinaa yaanee ibda dhiiga ilmaan keenyaa qabsiiffamme kana irratti tumsa taanee Milkiin xumurree seenaa sheenaa hinqabnne galmeesin.

A. Jundi
No comments:
Post a Comment