Thursday, December 3, 2015

Ibsa Master Pilanii Finfinnee Ilaalchisee Dhaaba Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) irraa kenname.

Karoorri Motummaan Wayyanee Dhaloota isaa irraa kaasee Ummata Oromoo fi Cunqurfamoota Sabaa fi Sabllamoota Etoophia keessaa jiraatan jireenya lafa isaanii irraa buqqisee hiyyoomsuudhan qabeenya isaanii saamee humna isaa yeroo irraa gara yerootti cimsachuun bara bittaa isaa dheerafachuudha. 

Karrorri wayyyaneen maqaa “Master Pilaanii Finffinnee jedhuun” ummata keenyarratti fe’uuf deemtu  kun itti fuufnsa karoora mootummoota habashaa dhufaa dabrraa (Minilik –Wayyaanee) kan Ummata keenya lafarraa fixanii lafa isaa humnnaan dhuunfachuuti. Walumaa gala dhimmi kun saba Oromootif dhimma baduu fi jiraachuti. Waan kana tayeef, dhaabni keenya KWOn Sabnni Oromoo yeroo ammaa carraa lama qofa qaba jedhee amana. Baduu yookaan jiraachuu. Karaan walakkaa kana deemsisu gonkuma hin jiraatu.  

Haaluma Kanaan mootummaan abbaa irree wayyaanee maqaa Master Pilaanii Finffinnee jedhuun Uummata Oromoo nannawa  Finffinnee  qubatu (Magaalaa Ambboo irraa Haga magaalaa Adaamatti) lafa Hectaara Milliyoona tokko ol ta’u irra qubatu lafa isaa irraa humnnaan buqqisee, aadaa, afaanii fi seenaa Saba Oromoo balleesee ummata biroo kan aadaa, seenaa fi afaan biroo qabu walakeessa Oromiyaati uumun  Oromiyaa Bahaa fi dhihatti adda qoqoodee bituuf karoorfatee irratti hojjachaa jira. 

Akka seerri mootummaa wayyanee lakkoofsa 49 tuqaa 5 jedhuttui magaalaan Finffinnee magaalaa mootummaa Federaalaa taatee naannoon Oromiyaa bu’aa addaa akka irraa argatuu fi dhimma bulchiinsa waloo magaalaa Finffinnee dubbata. Bu’aan kunis seeraan akka murtaayu hima. Mootummaan abbaa irree kan seera ufii isaa barreese tokkollee kabajuuf danddeetti/fedha hin qabne kun bu’aa Oromiyaan magaalaa Finffinnee irraa qabdu kabajuun hafnnaan magaalaalee Oromiyaa Godina addaa jala jiran hunda dhuunfatee saba Oromorratti sanyyii duguuggaa daangaa hin qabne raawwachuuf karoorfatee haara galtii tokkoon malee hojjataa jira. Sabni Oromoo shira kana cal jedhee fudhachaa hin jiru. Waggaa dabrre barattonni Oromoo balaa saba Oromoo irratti aggaamate kana karaa nagahaan dura dhaabachuuf  qalamaa fi waraqaa adii qabatanii hiriira bahan gara nyaattii tokkoon malee rasaasa wayyanetiin tumamanii ajjeefaman. Kuun mana hidhaa wayyanetti guuraman. Kan hafan mana barumssaa irraa ar’iaman. Wayyaneen Saba Oromoo daangaa malee tuffachuudhaan biyya keenyarratti ilmaan keenya nu jalatti fixaa jirti. KWOn gootota haqaa isaanii osoo falmatan wareegaman kanaaf kabaja ol’aana qaba. Seenaa isaanitis bara baraan yaadata. Isaan kun gootota dhugaati.  

Dhaabni keenya KWOn Karooorri wayyaaneen fedha Uummata Oromootin ala magaalaa Finffinnee dhibantaa 80 oliin (80%) guddisuf karoorfatte aadaa, seenaa fi afaan Oromoo balleesuun seenaa, aadaa fi afaani birotin bakka buusuu waan tayeef qixa sanyii duguuggaa (genocide) uummata keenyaratti raawwachuuti jedhee amana.  Kanaaf, KWOn sanyii duguuggaa bifa kanaan Saba Oromoo irratti aggaamate kana murannoodhaan dura dhaabbata, shira daangaa hin qabne kana fashaleesufis garaa kutannoon irratti qabsaaya. Wareegama barbaachisu kafaluuufi qophiidha. 

Kanaaf, KWOn  Uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaan, akkasumas dhaabbotiin siyaasaa Oromoo hundi garaa garummaa yaadaa, siyaasaa, amantii qubsuma lafaatin osoo hin daangefamne  tokkumaadhaan akka dura dhaabbatu waamicha lammummaa dabarsa.Dabalataan humnnoota waaraanaa fi poolisaa kanneen lammii Oromoo ta’an cufti tajaajila moottummaa Oromoo dhabamsiisuuf bu’ureeffate kanaaf laataa jiran seenaan boru akka gaafatu hubatuudhaan qabsoo ummata wajjiin akka dhaabbatan waamicha goonaaf. 

Dhumarratti KWOn rakkoon Saba Oromoo kan furmaata waaraa argatu gaafa Oromoon ijaaramee humna murteessaa tayee sirna kiyyoo gabrummaa buqqisee uf irraa darbee ummata bilisa biyya walabaa fi mootummaa mataa isaa birmada Uumatee biyya isaa Ormiyaa fi handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee harkatti galfate qofa waan tayeef ummanni keenya dhaaba isaa KWO waliin hiriiree gootummaan diinarratti akka qabsaayuu waamicha dabasina.



Pictures from the ‪#‎OromoProtests‬ in Badano ( E. Hararge)

Barataa Karrasaa Caalaa, kan kaleessa Gullisootti rasaasaan rukutame har'a wareegameera. Komishiin Polisii Oromiyaatis ibsa har'aatin kana amanee jira. maatifi hiroyoota isaa waaqni haa jajjabeesu. Isa ammoo gootota isa dura dabran waliin jannataan haa qabaniisu.

 Suuraalee dabalataa hiriira mormii Haromaayaatti godhame kan jiraattonni magaalaa barattotatti dabalamuun bahan irraa



Godina Baha Oromiyaa, Haromaayaa Keessatti Ummanni Oromoo Barattoota Tumsuufn Diddaa Sirna Abbaa Irree Wayyaanee Irra Jira.



 Hiriira barattoota Oromoo guyyaa har’aa  Muddee 03,2015 amma itti jiramu irratti  Wallagga Aanaa Gullisoo Ganda Calliyaa Keessatti Gooti Barataan Oromoo Karrasaa Caalaa Rasaasa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen erga rukutamee booda bayyaannachuu dadhabuu irraan Wareegame.
 Naqamte, mana barnoota sadarkaa 2ffaa Daargeetti barattonni mooraa keessani hiriira mormii godhanii turan. Mooraadhaa bayan gara magaalaa deemuuf yoo yaalan dhoorgamanii bittinaa'an









 Agony as Ethiopian Police mercilessly attacks Oromo students
Oromiyaan Ni Walaboomti !


No comments:

Post a Comment