Sunday, September 14, 2014

QBO JIJJIIRAMA RAKKOO HIDDAAN FURU BARBAADA............... ..... ........ ........QOODA 7

                            Hawwii /interest/fi Dammaqaa/consciousness/ 
       Wanti yoo maraa nu /nama harkaa wal dhawu hawwii fi dammaqa sonaan gargar baafatuu dadhaburraa madduu agarsiisa.Yoo Hawwii fi dammaqa addaan baafatuu dadhabuun rakkoo Jijjiirama QBO Oromoo haga ammaa harkaa qaburraa tokko jenne dhaadhessuu miti.

      Oromoon hedduu yoo waayee siyaasaa fi QBO  kaasu ''Gulantaan dammaqa hawaasa Oromoo fagaate /guddate/ gariin inumaa Dhaabaa/Dhaabbiin QBO godhan bira dabare... faa'' jedhu dhagawuun haarawaa miti. Garuu dhugaan hawwii moo dammqa hawaasa Oromoottuu guddate? gaafii jettu qajeelaan deebisuu dandawuu barbaada.

     Akkasiin dhugaan Hawwiin bilisummaa gulantaa ol aanaa dhaqqabuun akkasumatti dandeettii waa dalaguu Dhaabbiin siyaasaa Oromoo duubatti gatee, bira dabree, fagaatuu fi kanniin faa agarsiisa malee gulantaan dammaqaa natti hin fakkaatu.

      Kana ammoo akka lafatti hinjenne, Hawaasa Dammaqaa qabu 

1-Hawaasa dammaqa madda rakkoo ufii beeku tokkummaa uumaa fi aadaa dhalootaan dhaalamaa dhawaata dhaqqabe dhiibbaa keessaa-alaan laaffise ammallee deebisee jabeessuun humna jabaa diina ifirraa faccisuun rakkoo hiddaan furatuu malee akka fala biraa hin qabne amanu wanti maraa caalaa TOKKUMMAA jabeefatuu dhoorgu hin jiru.

2-Hawaasa dammaqa qabu keessa Dhaaba jabatuu gurmuu hawaasaa, miseensaa fi hogganaatiin ijaarama. Yoo hawaasaa fi gurmuun hawaasaa dammaqa qabaate wanti Jaarmaya keessattuu Dhaaba siyaasaa keessaa ijaarmu miseensa laafaa fi Hoggana dadhabaa godhu hin jiru.

3-Yoo gurmuun hawaasa gariin GAAFII rakkoo hawaasaa kaasu akka SOCHII BARATTOOTAA YUUNBARSIITII garaagaraatii  FI HAWAASA OROMOO karoora Finfinnee bal'fatuu maqaa 'master plan' jettee Wayyaanee baafattee diddaa fi falamaa finiinsee sirna roorroo dura dhaabatu bakka maraa wal fakkaatuu dhabuu qotee bulaan, daldalaan, walumaa galaan baadiyaa-magaalaa dhiisii maatii ilmaan irratti loluu dadhabuu

4-Yoo naannoon, gosti tokko ykn gurmuun hawaasa akka amantii Islaamaa faa gaafii mirga amantii kaasu gamni biraa haga koreen geettuu eeguun,

5-Yoo  Wayyaaneen Sabaa fi sab-lammoota walitti dirtee jiddutti bultii baafatuu walitti buuftu itti beekkatuu dadhabuu

6-Yoo Gurmuun diinaa ykn Hogganaa fi gareen dadhabaan maqaa QBO dhawatu siyaasaa sirnaa /principle/ dhiisee siyaasaa namaa/hogganaa/ garee fi kkf gama laafaa gosaa, gandaa fi naannoo ykn amanatiin hawataa ijaaratuu /gargar qoodu fafa qabu hubatuun hin rakkisu fi kkf hagoo ragaa kaasuun dandayama.  

  7-   Dhugama Oromoon amma bakka durii hinjiru, garuu ammallee akka wanti heddu keessattuu dammaqaan wal fakkaatuu irratti nu hafu waakkatuun if gowwoomsuu akka hin taane eeggatuu qabna. Kana ifirratti beekuun gama jabaa qofaa mitii laafaa irratti fuullefatuun Hawwii gara Dammaaqaa jijjiiruun Jijjiirama QBO  rakkoo hiddaan furuu barbaadurraa hangafa natti fakkaata.
     Hawaasa dammaqa hinqabne keessaa Dhaabni /jaarmayni ijaaramu laafaa taya. Wanti laassisu Gurmuun Hawaasa, Miseensaa fi Hoggana hawaasauma san keessaa bawutti hidhata.   ................... Isin hoo maal jettu? ...... Haga walitti dachaanuu itti yaadaa

 Barreessaan>>‪#‎Agayyu‬ Goodaa Goodaa Adam

No comments:

Post a Comment