Sunday, September 14, 2014

EENNUTUU EENNU?

Gootummaan dhaala dhiigaa
Dhaloota Leenjisoo Diigaa
            Dhawaata Abishee Garbaa
            Aadaa himaan darbaa
Bara Muhammad Shaanqoo
Muhammad Gadaa, Waaqoo
Taaddasaa, Elemoo Qilxuu
Baaroo himaan hinfixuu .................................

Guutamaa, Nadhii Gammadaa
Buruuysoo, Milkeessaa Gadaa
             Caalaan goota daddafaa
             Leenjisoo, Abbayyeen faa
             Diddee dheefa fafaa
Akka mootii kinniisaa
WBO loltee lolchiisaa
Wareegamtee duchiisaa
Lafeen akka siddiisaa
Adaadiin gaara ciisaa
Haaloo eennutti dhiisa?...............................

           Biyya diinatti gatee
           Gariin du'aan lagatee
           Lubbuun biyyaa baqatee
Dabeessa gootaa dabee
Hafuuraan ganda labee
Hafuursee reebuun dhaqqabee
Hammaaree dinna qabee
Fiigaa ifirraa dhabee
          Lubbuu gootaan qolatee
          Bultii baafatee dhokatee
          Dabeessa qadhaabee
          Daayee walitti dhaabee
Loowwan saatoo qabatee
Saniintu ambaan taphate.........................................

 Akka"Dandawu ifirraa buqqisaa
Dadhabu ilma itti guddisaa"
Jedhe Waaqo lakkisee
Roorroo biyya rakkisee
"Dhaloonni Qubee" bakkisee
          Biqilaan dhiigaan baye
          Dhaamsa seenaa dhagayee
          Roorroo dachaa tayee
          'Dhaloota Qube' gayee
Gootota faana dhayee
Barataa qawween dallayee
Marsee humnaan naannayee
Hidhaa, ajjeechaan raatayee
If ittisuu manaamayee
Dadhabee garaan nayee..................
 Barreessaan>>‪#‎Agayyu‬ Goodaa Goodaa Adam

No comments:

Post a Comment