Wednesday, April 2, 2014

                         WAAN NAMA OROMOO TOKKO IRRAA EEGGAMU

* Tokkummaa Oromoo , Sabni oromoo kaleessaas oromoodha har'as oromoodha borus oromoodha, nuttii ilmaan oromoo kan barbaannu mirga abbaa Biyyummaa dimookraasummaa haqaa ,bilisummaa haqaa barbaana malee mirga saboota biroo dhiibbuu mitti.

* kana yeroo jedhu ilmaan oromoo rakkoo sabota biyyaattii irraa hin qabu jechuu kiyya .

* kanneen mirga sabaa ofii fi biyyaattiif falmaa jiran motummaa gabromfaatuu falmuundha ykn diguudhan akka mirgi sabaa argamuu gochuuf Namni ani Dhugamaan Oromoodha jedhu won Nama Oromoo Tokko irraa eegamu gocha Gabroofataan Saba isaa irraan gahu kamuu osoo arguu akka nama higaree osoo dhagahuu akka nama hin dhageenyee ta’uu hin qabu .

* Mirga ofii yeroo falmaan mirgoota saba cunqurfaamoo biyyaattis sagaantaa ofii keessaa qabaachuun dirqaama ta'a.
Kana ta'uu baanan danqaa guddaa sochii qabsoo bilisummaa ummata Oromoof mudaata.

* DHaabni siyaasaa walqixummaa dhugaatiif yeroo qabsaa'u ifatti hamilee sabatti horaa deema.

* sabnis of qusannoo tokko malee qabsoo irraa qooda fudhaata, kanaafuu qabsoo keenya qabsoo saba keenya gammaachiiftu ta'uu irra kuttee saboota cunqurfaamoo biyyaattiis hirmaachiisuun gabrummaa jala akka banuu fi >jalaa bahan< gochuu hoggaana yeroo yeroo ammaa kana gafaata.

*Ilaalcha dhiphaa irra ilaalcha baldhaa wayya.

INJIFANNOON KAN UMMATA
OROMOOTI!!!!!!!>>>>>JS

No comments:

Post a Comment