Saturday, March 29, 2014

Kabajamaa jaalatamaa B/J/ Hayluu Gonfaa gaafiif Deebii Afaan Amaarifaa


  Masakamaa fi kaayyoo Danbalii Bilisummaa fi Dimokraasii ,Daanidii Bilisummaa Oromoo

•    Dhimma QBO irratti ilaa fi ilaameen mari’achuu,
•    Garaagarummaa fi tokkummaa ilaalcha siyaasaa miiraan otoo hin taane, beekumsaan wal barsiisuu, wal mormuu, waliif hubachuu, wal deeggaruu,
•    Yeroo maree fi falmii siyaasaa taasifnu, safuu, aadaa fi kabajaa oromummaa keenyaa eeguu,
•    Amala kashalabbummaa fi dharaan walitti gaarrefachuu fi waliin haasahuu keessa qulqulluu ta’uu,
•    Yaadota tokkummaa Oromoo diiganii fi fafa qaban irraa of qusachuu,
•    Miiraan otoo hin taane beekumsaa fi bilchinaan wal barsiisuu fi wal hubachiisuu
•    Dhimmoota QBO jajjabeessan waliif dhaamuu,
•    Goototaa fakkii qabsoo keenyaa ta’an, dhaadhessuu fi waliif dhaamuu,
•    Dhaloota haarawaan seeena qabsoo Oromoo fi egeree saba keenyaa akka kallattii dhugaa ta’een hubatu waliif dhaamuu,
•    Gochaa fi yakka wayyaaneen saba keenya irratti dalagaa jirtu saaxiluu fi wal barsiisuu
•    Hubannoo fi guddina siyaasa Oromoo wal barsiisuu,
•    QBO muldhataa fi kallattii dhugaa irratti akka hutubamu yaada waliif gumaachuu,
•    Jibbiinsaa fi balfummaa sabaa, namoomaa fi garee kamii irraa iyyuu qulqulluu ta’uu,
•    Oromoo humneessuuf dhimmoota dada’an hunda wal barsiisuu,
•    Adeemsa kaleessaa xiinxallee, waltajjii amma keessa jirru hubannee, egeree qabsoo keenyaaf ni ta’a kan jennu malaa fi fala waliif akeekuu,
•    Garaa garummaa ilaalcha siyaasaan alatti, gandaan, naannoon, gosaan wal beekumsaan walfamuun ykn wal deeggaruun fafa qabsoo ta’uu isaa wal hubachiisuu,
•    Ilaalcha ykn muldhata siyaasaa deeggarru, sababaa fi beekumsaan malee miiraan ta’uu akka hin qabne wal hubachiisuu,
•    Mooraa QBO irraa mala diina haphisuun, fira baayyifannu irratti wal barsiisuu,
•    Fakkeessituu fi loote-seentuun wayyaanee, akka afaan faajjii nukeessatti hin huumne bilchinaan saaxiluu,
•    Ennaa dhimma siyaasaa dubbannu, Hadhaa qabsoon qabdu, dhamdhamaa jiraachuu keenya ofitti himuu,
•    Waamicha QBOf, gumaachaa fi gahee akka nama tokkootti goone wal barsiisuu fi wal hubachiisuu ta’a.

No comments:

Post a Comment