Friday, February 14, 2020

Nama baay'ee kabaju nama kabajaa itti aantuu Hayyu duree Paartii PBO


                                                                  Aadde Sena Gonfa

Yeroo miidiyaalee Oromoo akka PBO'tti komattee dubbattuu fi wol komannus hammeenya biraatiif akka hin taane dubbattu argee ture. Xalayaa heddus yeroo dheeraaf barreessaafii turuu ibsitee jirti.


 Eeyyeen sirriidha anis yeroo baay'ee asiin ta'ee eessaanis ni barreessa osoo jedhu asiin baye. 


Sochiilee PBO'n taasisu akkuma jaarmiyaalee siyaasaa keenna kaanitti Miidiyaaleen Oromoo gabaasuu qabu. ABO'n, KFO'n, PBO'n gamaa gamanaan humna woliif ta'anii diina tokko woliin qaban san qabanii jiraachuun ifa. 


Kana keessatti wol gayii isaan geggeeffatan hundaa yoo gabaafamaa jedhame sabaaf hamilee ta'ee hojiin isaaniillee Ummataa fi diina biras gayee diina saniif rifaatuu uuma.


Sochii PBO'N Ummata woliin taasisu miidiyaaleen Oromoo akkuma jaarmiyaalee obboloota kaanii gabaasanitti. Kan PBO's gabaasuu qabu. Yeroo waayee ABO ABO jennu kamuu ABO jaarmiya siyaasaa tokko qofatti akka hin fudhanne. 


ABO'n kaayoodha ABO'n dhiigaa fi lafee Ummata Oromootiin kan wol makaa jiru. Fakkeenyaaf PBO'n PBO haa ta'u malee akeekaa fi kaayoon isaa ABO'n tokko. 


Sabboontota Oromoo ta'ee namoonni KFO, PBO keessa jiran worri ABO'ummaa dhaban hin jiran. Kunis waan ABO'n kaayoo ta'ee fi Kallacha qabsoo Oromoo fi akeekaa fi kaayoo qabsoo Oromoo qabsaayonni Oromoo irratti woreegama kafalaa as gayan waan ta'eef.

ABO, KFO, PBO hunda isaaniituu jabaadhaa jennee isaan hundaa hamiloomsaa deemuun Bilisummaa fi Wolabummaa Oromiyaa saaffisiisuudha.


 Bifuma kanaan PBO Sochiilee inni Ummata woliin geggeessuuf Waajjiraalee inni banatu akkuma jaarmiyaalee siyaasaa keenna kaawwan gabaasanitti Miidiyaaleen Oromoo gabaasuu qabu.

No comments:

Post a Comment