Ferhan Abdulselam
Dhiheessii Gaazaa hanqisuun Wayyaaneef gaaga’ama guddaadha
Itoophiyaan waggaatti boba’aa/gaaza liitira bilyoona 3.5 fayyadamti akka shallaggii bara 2017 tti. Wayyaaneen (maqaa dhaabbata EPSE jedhamuun) karaa poortii Jibuutii fi Suudaaniitiin biyya alaarraa ol galchiti. San booda kaampaanota 13’f raabsiti. Isaan kunis buufata gaazaa 740 guutummaa biyyattii keessa jirutti hiru.
Akka abbaan taayitaa geejjibaa Federaalaa himetti, dhuma bara 2017’tti baay’inni konkolaattota Itoophiyaa keessaa 831,000. Baay’inni konkolaattotaa fi dhiheessii gaazaa wal hin gitu. Kuni rakkoo guddaa biyyattiin qabdu ta’uun beekkamaadha. Fakkeenyaaf konkolaattotni dhibbeentaa 62 Finfinnee keessa jiru. Baay’inni isaanii 515,220. Garuu buufatni gaazaa jiru 100 qofa. Oromiyaa bal’oo keessa buufatni gaazaa 220 qofatu jira; sanuu naannolee hundaa ol qabaachuudhaan.
Dubbii ijootti yoo isnii deebi’e, dhiheessiin boba’aa qaawa laafaa biyyattiin hanga ammaatti suphuu dadhabdeedha. Laafinna jiru irratti yeroo liqii gaaza biyya alaatii galchitu itti kafaluu dadhabde irratti argamti. Liqii gaazaa doolaara milyoona 200 kafaluu dadhabdee akka rakkachaa turte miidiyaaleen addunyaa gabaasuun ni yaadatama. Humna diinagdee isiin kufte kanarratti yoo akka gaazni kun hin sochoone godhame miilli jalaa guuramuu isiiti Wayyaanee.
Gaazni biyya seenu hundi Oromiyaa qaxxaamuree biyyattii hundaaf raabsama. Yoo Oromiyaa keessatti sochiin dhiheessii gaazaa hanqifame sochiin konkolaattotaa akka biyyattiitti gaaga’ama guddaa keessa seena. Gaaga’amni kun immoo sochii mootummaa rakkoo guddaa keessa galcha. Akka daldallii fi hojiileen mootummaa utuban hin sochoone taasisa. Walumaa galatti konkolaattotni karaarra deeman cufti gaaza fayyadamu waan ta’eef gaaza dhabnaan sochiin dhaabate jechuudha. Gama biraatiin kun tooftaa cimaa humna xiqqaan karaa cufuu jechuu dandeenya. Kuni haala gaariin akka milkaa’u Qeerroon sirriitti irratti hojjachuu qabdu. Tooftaan akkanaa Wayyaanee salphaatti harka kennachiisuu danda’a.
Erga hangana jedhee, “boottee gaazaa waraana ramaddeefii yoo sochoofte hoo?” gaafiin jettu namoota hedduu biraa ka’uun ni mala. Garuu wanti of gaafachuu qabnu, “gaaza buufata 740 yeroo yerootti fe’amee dhaqu kana hunda waraana rammaddeefii akka karaa dabarsan gootii?” Natti hin fakkaatu. Yoo gootes, waraana jaraa hojii kanatti bobba’an baasii guddaatu itti baha. Dabalataan Waraanni ganda keessatti faca’ee ummata dararaa jiru kanatti hojiin kenname jechuudha. Humni kana ramaduun Wayyaaneef salphaa miti. Dubbiin tun shororkaa guddaa itti buufti.
Kanaafuu ammas irra deebi’ee hojii dhiheessii gaazaa hanqisuu kana milkeessuun injifannoo guddaa waan taheef, qeerroon jabaadhaa bakka jirtanii bifa of eeggannoo qabuun bootteen gaazaa tokko akka hin dabarre godhaa.
Injifannoon kan Oromooti!
No comments:
Post a Comment