Saturday, November 22, 2014

"LOON KANA OOFTEE ABBAA GALCHUU DEEMTAA?"

By
Agayyu Adam edited a doc.
   Ana waliin Lammiin Oromoo fi hadhaa roorroo gabrummaa hifate cufti akka "Hamaa ifiin didan nama biraatii hin hawwuun, teeda ... " jedhan osoo akka garee Abashootaa /Nafxanyaa haga Wayyaanee ammaa humnaa biyya irratti wal jijjiirtuu "YOO BILISUMMAA, WALABUMMAA FI BIRMADUMMAA Biyya teennaa OROMIYAA deebifnee gonfanne itti duuluun haga biyya jaraa qabatuu qabna,... faa?" jedhanii hin fudhatu.

      Dibuu qofaa mitii akkuma dura eerame 'Teeda badii-yakka' raawwachiisutti dhiibuun ijumaa garee sirna gabrummaa iratti diriirseen laaluun nama laaluun dura dhaabaturraa akka hin deebine amana.
     Yoo garii akka aadaan "Hadaamiin ollaa agamsaa gannaa-bona booyaa jiraatti" jedhan akkaataan yaadaa, dalaga fi laalcha garee gabroonfattuu yaada kana faallaa garagalchutti nama dhiibuu hubanna.

      Achitti akka gaafii  Garema tana akka hayyoota beekkomsa waraanaatiin "Haleeluun/weeraruun maraa caalaa ittisa jaba /The best defense is attack" jedhan taya. Sanirraa gara diddaa, ittisaa fi falmaa seenaa garagaluun gaafiiwwan "Duraanuu adaa bakka jirrutti if ittisuu malee itti duuluu dhabutuu humna fagoo duulee dhufeen cabeen qabamuu fidee?..."

    "Achiin duuballee ittisa /dhiibaa diinaa/malee haga ammaatuu "Bilisummaa, Walabummaa fi Birmadummaa Oromiyaa deebisee gonfatuu bira dabarsee biyya guutuu walitti qabee hogganuu akka dandeettii mirga ufii qofaa mitii gurmuu hawaasa laafaa ufitti qabee eeguu qabaatuu kaasuu dhiisutuu rakkoo diriirsee ?  faa... "kaasuun
      "Ija tanaan yoo QBO jabaatee 'Oromoon bilisummaa, walabummaa fi birmadummaa biyyaa OROMIYAA' gonfatuu dhaqqabe gareen dhaalaan irratti wal jijjiiraa as geette hinjifatamuu fudhattee dheesitee galtee fi biraa harka marattee nagayaan hinteettii?...Abbaa biyyummaa qofaan Nagayaa fi qabbana argatuun hin dandayamaa?... fi kkf" jettu heddu tarreessuu dandeenna.

      Gaafa sanillee akka aadaan "Hadaamiin ollaa agamsaa gannaa bona booyaa jiraatti" jedhanitti imimmaan dhaloota duubaan dhufu dhaalchisuu akkan taane ittisa qofaa mitii REEBUUN fala taya fakkaata

      Akka deeboon itti hin deebine tarkaanfiin uf ittisuu daafee Garee Sirna Empaayer duraa /NAFXANYAA/ deebisuu wixxifattu ....ykn Haarawa /WAYYAANEE/ haga ufii safartuuf malee haga 'Abbaa biyyumaa barbaadu gaafatuu fi falmatuu' Saba Oromoo fi biraa humnaan ukkaamsuun jiraatuu aabjottu akka hin kaanetti cabsuu warra gabrummaan hadhaayeen fudhatamu dhoosee haga booroo gabroonfataa seenuu fida.
     Kana tilmaamuun yoo akkuma Mammaaka aadaa"LOON KANA OOFTEE ABBAA GALCHUU DEEMTA" jedhuu seensa irratti ibsamerraa hubannu fakkaata  jedhame dhaadhessuu hin tawu.  

No comments:

Post a Comment