Haadhoon Jaldeesi Tokko ilmoo isaa garaa jala kaayatee osoo
taa’uu akka tasaa Leenci tasa itti dhufee yeroo Leenci itti dhufu haati Caakee
Jaldeesaa hin agartu
Harmeen Caakee Jaldeesaa Guyyaan isii kan Du’aa waan gaheefi
jabeenaa fi umriin Guddataniif Du’a hin oolanii Harmee Caakee Jaldeesaa
Leencaan ni nyaatamte ,haati isii Leencaan ajjeefamuu akkuma hubateen utaaltee
muka jalatti dhokatee ilaaluu turte naanoo san Jaldeesi Biraa hin jiru
Erga Harmeen isii
nyaatamteen Booda Leenci kaaraa Caakeee san dhufe itti Siiqee ilaalee
ilmoo Harmee irraa nyaate ta’uu hubate Caakeen ni Sodaate ni Muka koruuf jalaa
fiiyde ,
Booda garuu isumatti gadi deebtee Lolte itti iyyite ,Leenci
garuu innis Haadhoo waan ta’eef Caakee tana nyaachuu hin feene ,
Caakeen itti iyyitus Leenci garuu Harka itti hiixate achi
Booda isuma jala seentee akka haadhaati ilaaluu eegalte Leencis Arrabaan
Arraabuu eegale
Caakeen karaa Mukaa fiiguun Abbaan Caakee jaldeesaa arguun
Caakee Haati irraa nyaatamte tana utaalee Afaaniin Qabatee Muka gubbaan koruun
Lubbuun Caakee Jaldeesaa Du’a jalaa baate
Lubbuun Lubbu qabeeyii hundaatuu Guyyaa isaa malee hin
Baatu Caakeen Jaldeesaa achiin Booda
abbaa isii woliin jiraachuu aanste jedhama
Barreessaan Seenaa Kanaa >>jajjaboo sabaa
No comments:
Post a Comment